Hammeenya vaping fayyaa irratti fiduu fi akkamiin ijoolleen keessan xuuxuu akka dhaaban gargaartu

Australia Explained - Vaping

Most vaping products contain nicotine even if not labelled as such. Credit: StockBird/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Jijjiiramni danbii gurguddaan bara 2024tti Australia keessatti tahe oomishaalee vaping argachuun daangeffamuu fideera. Tarkaanfiin waan “dhimma fayyaa hawaasaa guddaa” jedhamee ibsame irratti fudhatame kun dargaggoonni araada nikootiinii kana mo’uuf deeggarsa barbaadan heddummachuu danda’a jedhu ogeeyyiin. Balaa fayyaa irraan gahuu fi karaalee ittiin dargaggoonni akka xuuxuu dhaaban gargaartan baradhaa.


Tuqaalee Ijoo
  • Australia keessatti ijoolleen umrii ganna 18 gadi vape gochuun dabalaa jiraachuun galmaaweera.
  • Kan yoo gabaan gurraachaa ijoollee kanatti hiixachuu hin dhaabu tahe, omishaalee kana ugguruuf karaa seeraa dhaabuu qofti jijjiirama fiduu dhiisuu danda’a.
  • Ijoolleen miidhaa nikotiniin fidu hubachuu dhabuu irraa vape dhaabuun isaa itti ulfaatee jira.
Australia keessatti tamboo vaping argachuun daangeffameera ykn akkaan dhorkameera.



Australia keessatti tarkaanfiin vaping irratti fudhatamee, jedha Ministirri Fayyaa Mark Butler “dhimma fayyaa hawaasaa guddaa” fi “amaloota rakkisaa manneen barnootaa hedduu keessatti mul’atan dhimma tokkoffaa dha jechuun ibsee irratti xiyyeeffateera."".

Akka ragaa Ministeera Fayyaatti barattoonni sadarkaa lammaffaa Australia harka sadii keessaa tokko bara 2022/2023tti tamboo elektirooniksii xuuxaniiru.

Becky Freeman itti aantuu Professora dhimma Fayyaa Ummataa kan University Sydney ti.

Qorannoo dargaggootni amantaa fi amaloota isaan vape irratti qaban qoratu Generation Vape Project jedhu hogganti, baballinni itti fayyadama elekronic sigarate kun akka gaariitti galmaawee jira jedhti.

"Akkasumas woggoota muraasaa asi lakkoofsi kun akkaan dabaluu beekna, keessattuu yeroo COVID duraa fi boodaa yeroo manni barmootaa cufamee ture sana, dhimmi fayyaa hundumtuu ilaalchi dhibee COVID qofa irratti yaada deebifatamee ture. " 
Australia Explained - Vaping
Warshaaleen vape oomishan bifa cululqusuuf mi'awa itti tolchuun oomisha vapii dhiheessuun ijoollee dardara irratti xiyyeeffataniiru jedhu ogeeyyiin. Credit: Peter Dazeley/Getty Images
Yoo dhuma illee gurgurtaan oomishaalee kanaa pharmacy alatti akka hin gurguramne daangeffaman iyyuu dhugaan isaa garuu adda, jechuun Prof Freeman ibsitee, gabaa gurraachaa irratti ijoolleen akka barbaadde akka argattu taasifame jedhti.

" kan yoo ijoolleen kee waggoota 14 keessa jiran haala nama ajaa’ibuun yeroo salphaatti vape kana argatan kun dhugumaan gabaa gurraachaa irraa miti.  Kun caalaatti gabaa banaa jiru irraa ti. Kaanaaf dhugumaan akkaataa itti argataa jiran kana irratti xiyyeeffachuun kan barbaachisuuf. "

Ooomshaaleen vape kun yeroo dheeraaf gabaa irra jira.

Vapiin dargaggoota biratti sababni jaallatameef isaan tamboo waan hin aarsineef vape gochuun tamboo aarsuu irraa adda fakkeeffamee waan itti dhaadeffameef, jedhti prof Freeman.

“Keessattuu dargaggootni, tamboo hin jaallatan. Waan hubatan qabu. Tamboon baayyee mi’aa dha ykn qaalii dha, dhibee fayyaa akka Fidan qaama tamboo irratti barreeffamanii argu, iddoo hundattis xuuxuun dhorkaa dha, tamboo aarsuun Hawaasa keessattis fudhatamaa miti.  Kanaaf yeroo vape ilaalan, ilaalcha tamboo saniin hin ilaalan......

Akka waan Nageenya qabu fi hawaasummaa keessatti fudhatame qabu, akka waan gammachiisaa taheetti fudhatu.  Oomishtootni vapiis nagaa irratti dhibii inni qabu fi suusii hamaa qabaachuu isaa odeeffatnoo dogoggoraa kennun ofiif milkaawaniiru.”

Vaping Fayyaa irratti dhiibbaa fida

Prof Nick Zwar dura tahaa Garee Ogeeyyii Kolleejjii Ogeessota Fayyaa Waliigala Royal Australia ti, qajeelfama ogeeyyii fayyaa namoota tamboo aarsuu dhiisuu barbaadan deggeru tolcha.

Vaapiin nikootiinii hin taane illee, sababa yeroo dhanglawaa tamboo eletronksi kan glycerine fi propylene glycol tolchameen gaaza uumame ol xuuxan irraa kan ka’e balaa fayyaa namaa irraan gahu qaba jechuun ibsa.

“Bulchiinsi Meeshaalee Wal’aansaa fayyaa fi gareewwan biro, meeshaalee vaping nikootiinii hin qabne jedhamee barreeffame yeroo qoratan, harka 80 haga harka 90 gidduu nikotinii of keessaa qabaachuu argan.”

Prof Zwar yoodhuma illee irratti barreeffamee hin jiru tahe iyyuu, fayyaa irratti dhiibbaa qaba jechuun ibsa.

Australia Explained - Vaping
Australia walii gala keessatti yoo xiqqaate ijoollonni harka sadii keessaa tokko vapii yaaluutu tilmaamama. Source: Moment RF / Daniel Lozano Gonzalez/Getty Images
"Yeroo dheeraa vapii gochuu ykn tamboo elektronisksii xuuxuun sombaa fi onnee irratti rakkoo cimaa fida."

"Hagam akka miidhu amma isaa beekuun amma illee hin qulqullaawin jira.”

Oomishaalee nikootiinii yoo ilaalle, keessumaa dargaggootaaf nikootiiniin yakkamaa guddaa dha.

“Dargaggoota ilaalchisee keessummaa yaaddoo guddaan nicotinii ilaalchisee jiru, seera guddina nervii isaanii fi irra caalaa iyyuu guddina sammuu irratti dhiibbaa inni qabu dha," jedha Prof.Zwar.
Australia Explained - Vaping
Maatiin fi barsiisiisonni ijoolleen akka nikotiniin araada hamaa qabu akka hubatan gochuu qabu. Credit: fotostorm/Getty Images

Deggersa ni jira

Australia keessatti, Quitline bilbila biyyaa walii galaa fi tajaajila gorsaa maarsariitii irraa akka namni tamboo aarsuu fi vapii xuuxuu dhaabuf ni gargaaru. Godinaalee hunda keessatti dameen adda addaa karaa bilbila hotline dhaabbataa tahe 13QUIT (137848) qunnamamuun isin gargaaru.

Vape gochuu dhiisuun dargaggoota hundaaf tarkaanfii addaa ti, akka Dirkterri Quit Victoria Rachael Andersen ibsututti.

“Deebii salphaan kanaaf, nama hundaafuu adda. Vapii ykn tamboo dhaabuuf ykn dhiisuuf Karaa dhaabbatan kana jedhanii lafa kaayan tokkichi hin jiru. Garuu namootni hundu yeroo dhaabuuf murteeffatan mallattoolee wal fakkaataataa qabaatu. Mallattoon yeroo nicotinii dhaaban mul’atu kanuma vapii ykn tamboo dhiisuun mulátu waliin wal fakkaata. "

Dargaggoota tokko tokkoof deggersi maatii fi hiriyaa qofti gahaa yeroo tahu, kaan ammo araada nikotinii mo’achuuf gargaarsa ogeessa fayyaa isaan barbaachisa, jedha Prof Zwar.

Dargaggoonni tokko tokko ni beektu salphaatti dhiisuuf murteessuu akka danda'an fi deeggarsa maatii fi hiriyoota ykn si waliin yeroo isaa boodatti harkisuu, yaada waan biraan qabu, bishaan dhuguu, waan biraa hojjechuu, mala akkasii fayyadamuu ykn Quitline qunnamuu."
Australia Explained - Vaping
Vaapiin nikootiinii hin taane illee, sababa yeroo dhanglawaa tamboo eletronksi kan glycerine fi propylene glycol tolchameen gaaza uumame ol xuuxan irraa kan ka’e balaa fayyaa namaa irraan gahu qaba jechuun ibsu ogeeyyiin fayyaa. Source: Moment RF / Martina Paraninfi/Getty Images
Dhiibbaa hiryootaa irraa kan ka’e ijoolleen hammina vapiin fayyaa irraan gahu hin hubatin hafuun sababoota dhaabuuf isaan rakkisan keessaa haga tokko dha jedhti Rachael Andersen.

" Ijoolleen kana dura waan hamaa akkasii araada cimaa qabutti saaxilamanii hin beekan taha, kanaaf yeroo vape gochuu jalqaban miidhaa hamaa inni geessisu hin hubatan."

Kanaafuu akkamiin ijoolleen kee vape xuuxuu akka dhaabdu gargaarta?

Prof Freeman kan ofiif daa'ima ganna 12 qabdu university Sydney irraa, ijoolleen keessan vapii akka dhaabaniif ykn dhiisaniif waa furtuu lama gochuu qabdu jedhti: tokkoon waa’’ee isaa joollee waliin wal dubbannaa gaarii gochuu, kan biraan ogeeyyii gargaarsa gaafachuu dha jedhti.

"Ijoolleen waan balleessani irratti xiyyeeffachuun, amala badaa akka qaban, ykn jeeqxota jechuunii utuu hin taane, oomishtootni vapii miidhaa isaani irraan geessisaa jiraachuu itti himuu fi ibsuufiin gargaaruu yaaluun barbaachisaa dha."

"Deggersa barbaachisu mana barmootaa, nursii ykn hariiroo fayyaa gaarii waliin dubbachuu dandeessan yoo jiraate waliin dubbachuu dha. Warri ijoollee ogeessa fayyaa isaanii akka dubbisan akkasumas qabiiyyee kanneen akka Quitline fi I canQuit jedhu maarsariitii irraa argachuu akka yaaltanin isin jajjabeessa."

Warri ijoollees ogeeyyii fayyaa ykn tajaajiloota biroo irraa karaa dansa kamiin ijoolleen keessan akka dhiisuu danda'an irratti gargaaruuf gorsa gaafachuu dandeessu.

Adde Andersen Quitline irraa waliin dubbatnaan keessan nu waliin taasiftan hunduu iccitiin eegama, akka badiitti waanti qeeqamtanis hin jiru jedhti.

" Karoora gaariin akka itti adeemtu si gargaaru. odeeffannoo walii galaa ykn deggarsa jirus siif kennu. Akkaataa ijoollee keessan waliin dhimma vapii dhaabuu ilaalchisee dubbattanii fi itti gargargartan irratti isin qajeelchu.
Australia Explained - Vaping
Ms Andersen advises framing a conversation with your child about vaping in a way that allows them to safely share their experience and not feel judged. Credit: Plan Shooting 2 / Imazins/Getty Images/ImaZinS RF

Help and support to quit vaping


Share