Walitti dhufeenya gadi fagoo Saboonni Duraa lafa waliin qaban hubachuu

Single hand of a Young Indigenous girl on the rocks

Understanding the profound connections First Nations have with the land. Vick Smith/Getty Images Source: Moment RF / Vicki Smith/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Lafti kun ummatoota Aborigina fi Torres Strait Islander ta’aniif hiika hafuuraa gadi fagoo kan qabu yoo ta’u, eenyummaa isaanii, kan ofii isaanii fi akkaataa jireenya isaanii wajjin haala wal-hidhataa ta’een kan walqabate dha.


Tuqaalee Ijoo
  • Lafti qaama ummattoota Saboota Duraa irraa kan adda hin bane akkasumas eenymmaa fi miira of ta’uu isaanii kan itti uumu dha.
  • Walitti dhufeenyi kun seenaa dhalootaan darbaa ture irraa madda.
  • Namni tokko iddoowwan qulqulluu daawwachuu kan qabu bakka sanaa fi hiika isaa yoo beekee qofa.
Ummatoonni Aborignaa fi Torres Strait Islander yoo xiqqaate waggoota 60,000f Australia qabatanii kan turan yoo ta’u, haala jijjiiramaa wajjin wal fudhataniiru.

Aunty Deidre Martin, dubartii Walbanja kan saba Yuin , akka maanguddoo kabajamtuu fi nama Aboriginaa Oolmaa Ummataa Biyyaalessaa fi Tajaajila Bineensota Bosonaa Dharawal biyya New South Wales keessa hojjetti.

Aunty Deiidre, isheedhaaf lafti kan qabeenyummaan qabatan miti, qaama ishii irraa kan adda bahee hin ilaalamne, kan kabajamuu fi kununfamuu qabu dha.

Lafa hin qabnu, gonkumaas hin qabaannu. Lafa eeguuf gahee qabna. Muraasa maqaa dhahuuf, Biyyi keenya lafaaf waan nyaata, bishaan, gaaddisa, kan nuuf argamsiisu dha.
Aunty Deidre Martin
"Lafti maqaa dha, garuu ujummoo dhiigaa keenya keessa deema. Hafuura baafannaa keenya isa jalqabaa ti, akkasumas isa dhumaa taha," jedhte.
Aunty Deidre Martin.jpg
Aunty Deidre Martin is an Aboriginal discovery ranger. Credit: Aunty Deidre Martin.
Lafa ishee waliin walitti dhufeenyi qabdu gadi fagoo tahuun qofti miira of tahummaa ishee akka kakaasu dubbatti Aunty Deidre.

"Yeroon Sydney irraa gara manaatti imalu, akkuman jalluu Kiama qabadheen,  gara qarqara galaanaa gadi ilaala, yerosuma  miirrii kan ofii ta’uu natti dhagahama, ‘manaan jira’ jedheen yaada.” jedhti dabaltee

Desmond Campbell nama Eenyummaa isaan boonu nama Gurindji fi Alawa-Ngalakan Naannoo Kaabaa jiraatuu yeroo gara biyya isaa deebi'u miira wal fakkaataan itti dhagahamuu dubbate.

Itti Gaafatamaa Ol-aanaan kan , amma Sydney Jiraatu, waa'ee biyya isaa yaaduun gogaan qaama isaa gammaduu dubbata.

" Dhaabbataatti achitti hin guddatin iyyuu malee, yeroo deebinee deemnu akkuma waan kaleessa achi turreetti nutti dhagahama. Naannoo waan beeknuuf. Akkasumas nagummaatu namatti dhagahama. Akka nama Aboriginaa tokkootti baaka silaa jiraachuu qabdu akka jirtutu sitti dhagahama,"jedha obbo Campbell yeroo ibsu.

Amma barbaade iyyuu yoo fagaate , hidhata biyya isaa waliin qabu irraa obbo Campbell lafa akaakilee kee deebitee yeroo yerootti deemuun, aadaa fi afaan isaanii kunuunsuuf qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya hafuuraa gadi fagoo inni qabu guddisuufis thauu cimsee dubbata.

Walitti dhufeenyi kun dhaabbata isaa haala bu’a qabeessa ta’een akka hoogganu isa dandeessisa.

“Na guuta, hafuura koo guuta. Bakka akka Sydney jiraachuu fi dhaabbata akka Welcome to County keessatti hojjechuu na dandeessisa. Karaa waltajjii Welcome to Country kanaan aadaa fi afaan Biyyoota adda addaa naannawa Australia jiran waliin qooddanna. Kanafuu, ani sana geggeessuu danda’uuf, aadaa koo fi afaan koo eeguu fi amanamummaa sana qabaachuun na barbaachisa. Kanas gochuuf yeroo yerootti naannoo kootti galee deebiúun qaba.”jedha.
Desmond_bio photo.JPG
CEO of Welcome to Country, Desmond Campbell. Credit: Desmond Campbell.

Seenaa waa'ee lafaa

Hundeen walitti dhufeenyichaa dhaloota irraa dhalootatti dabraa dhufe, jedha obbo Campbell yeroo ibsu.

Itti dabalees, lafa kam irraa akka dhufte irratti hundaawe, hafuurri, seenaan fi walitti dhufeenyi adda adda jedha.

“Gama qomoo koo Gurindji irraa, karaa abbaa koon jechuu dha, Biyya mi’aawaa dha. Bineensonni adda adda! yeroon adda adda! kanaaf seenaan illee akkasuma adda adda [karaa harmee koos akkasuma]".

Obbo Campbell akka jedhutti seenaa kun barnootaa fi leenjiin wal-xaxee jira, keessattuu waa'ee lafaa, akka yeroo kamfaa adamoo deemta, balaa fi fafa yeroo qilleensa hamaa keessa ibiddaan taphatan kkf ilaalchisee jedha.
Bradley Hardy nama Eenyummaa isaan boonu, nama Ngemba Ualarai ,Kooma fi Kamilaroi ti. Hojiin isaa eegduu Kiyyoo Qurxummii Aboorijiinaa, laga Barwon cinatti argamuu ti.

Lagni dhiigaa fi eenyummaa isa tahuu dubbata.

Akka nama keessa hojjetuu fi daawwachiisaa tokkootti obbo Hardy seenaa fi seenaa lafa isaa himuu itti fuufeera.

Seenaa dabarsee dhaloota dhufutti himuun jiraachisuu akka qabu dubbata.

"Daawwachiisni kun tasuma waa’ee koo of ibsuuf miti garuu waa’ee maanguddoota kootti kabaja gochuu ti. Dardara waliin qooddadhee fi karaa agarsiisee isaan ammo seenaa keenya addunyaaf qoodu akka itti fufan taasisa. Akka namaattis kana gochuun dirqama keenya dha.”  jedha obbo Hardy.

Bakkewwan Qulqullaawoo hubachuu

"Ijaarsa harka namaa kan duri tahuun addunyaa irratti kan beekamu kiyyowwan qurxummii kun dhagaa irraa kan became bifa U fi C qabaachuu tarsiimoon kan hojjetame yoo tahu, kunis qabaachuu fi eeguu isaa qofa utuu hin taane qurxummmiin tokko tokko miliqanii marsaa jireenyaa akka itti fufan taasisuufi."jedha obbo Hardy ammas.

Obbo Bradleyn bakka qulqulluu gosootni hedduun itti walitti dhufan ta’uu dubbata.
Iddoo qulqullaawaa dha, eeguu yaaluu qabna. Keessattuu ummata keenyaaf. Dirqamni keenya inni guddaan waa’ee isaanii namootatti himuu fi dargaggoota keenya biratti akka guddatu gochuu qofa osoo hin taane, iddoon kun iddoo addaa tahuu addunyaaf [akka beekan] taasisuu dha.
Bradley Hardy
Aunty Deidre utuu hin daawwatin dura waa'ee bakkewwan qulqullu irraa beekuun barbaachisaa dha jechuun dubbatti.

"Iddoowwan beekumsa qaban dha hanga beekumsa argattanitti daawwachuu hin dandeenye dha, fakkeenyaaf bakkewwan dhiiraa fi dubartootaa jiran, jechuun ibsiti.
First nation Australian aboriginal people using spears to hunt seafood in Cape York Queensland Australia
Silhouette image of First Nation Australian aboriginal people, father and son, going to hunt seafood in Cape York, Queensland, Australia. Credit: Rafael Ben-Ari/Getty Images Credit: Rafael Ben-Ari/Getty Images
Ummattoota Saboota Duraaf Bakkewwan qulqullawoon adda adda akkasumas sabicha irratti hundaawee adda adda. Bakkoon tokko tokko lameenuu dhiiraa fi dubartiif iddoo qulqullawaa tahee yeroo beekamu kaan ammoo saala irratti hundaawanii adda adda baasu, kun akka aadichaa ykn akkaataa inni isaan waliin walitti hidhata qabuutti jedhti.

Aunty Deidre, hawaasicha waa'ee iddowwan qulqullaawoo kana barsiisuun gaafatama ishee akka tahee fi beekumsa kanas daawwattootaaf qooduuf gammachu guddaa akka qabdu dubbatti.

Seenaa Lafa ummatoota Saboota Duraa keessa gadi fageenyaan seenuu fi hiika isaa hubachuun beekumsa baay’ee mul’isuu danda’a. Haa ta'u malee, iddoowwan qulqulluu Abbootii Dacheetti kabajaan dhiyaachuu fi hawaasa Abbootii Dachee naannoo ykn Gumii lafaa irraa qajeelfama barbaaduun murteessaa dha.

"Waa'ee kiyyoo Qurxummii ykn seenaa bakkewwan adda addaas, namootni iddoo seenaa dhugaan jiru dhaqanii akka baran barbaadna. Namootni akka dhufan fi akka dhimma kana irraa baratan akkasumas kabajas kennaniif barbaadna, " jedha obbo Hardy itti dabalee.

Share