Waakkoo bu'achuun Australia keessatti : Fayyaaf fafa qabaa?

Australia Explained -  Fly Agaric mushroom

Red & white Fly Agaric fungi mushroom Amanita muscaria Source: Moment RF / Rhisang Alfarid/Getty Images

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Fangasiin tokko tokko yoo nyaatame summii ykn lubbuu namaa galaafachuu waan danda’uuf Australia keessatti waakkoo, ogummaadhaan adda hin baafamne ykn gabaa guddaa ykn gurgurtaa irraa hin bitamne akka hin nyaanne cimsanii gorsu aangawoonni. Tokkoon tokkoon kutaa biyyaa fi Naannoo keessatti seeraa fi dambiiwwan garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, naannoo tokko tokkotti nyaata waakkoo bu''achuun hin hayyamamu.


Tuqaalee Ijoo
  • Australia keessa gosa waakkoo gara ruubii milioonaatu akka jiran tilmaamama.
  • Australia keessatti gosoota waakkoo kamtu akka nyaataman adda baasuuf ogummaa fi of eeggannoo addaa barbaada
  • Waakkoo isa nama ajjeesuu fi isa nyaatamuu danda'u gidduu adda baafachuun akkaan rakkisaa dha, isa nyaatamu waliinis wal fakkaachuu waan danda'uufadda baasuun
Khristy Barbara, Sydney irraa, yeroo ijoollee turte akkawoo ishee waliinwaakoo bu''achaa akka turte dubbatti.

"Nan yaadadha, yeroo baayy ijoollee ture, akkoon koo anaa fi obboleettii koo waakkoo bu'achuu nu fudhattee deemti turte. Bakka Altona jedhamu Victoria keessaa jedhti, "aadde Barbaraan.

“Akkoon koo Maltaa irraa gara dhuma kudha sagal afurtamootaa(1940s)keessa Australiyaatti godaante, yeroo jalqaba Australiyaa geese duraa sanitti waakkoo funaannachuutu waan ishee gammachiisu ture, "" jedhti.

Workshoppii Wild Food irraa Diego Bonetto namni jedhamu, New South Wales keessatti waakkoo dabalatee akkaataa nyaata bosonaa itti barbaaddatan barsiisa, bosona kutaa biyyaa keessaa waakkoo bu'achuun hayyamamaa dha jedha.

Waakkoo bu'achuuf bobba'uun irra caalaa walitti dhufeenya aadaa garagaraa kan godaantotaaf gaarii dha, akkasumas miira gadi fagoo qaba, sababni isaa namni waan nyaatamu kana barbaacha bahee maatummaa ykn hiriymmaa guddifata.

Australia Explained - Mushrooms at Tarkine Wilderness Area, Tasmania
A mycologist examines Laccaria fungi in a Cool Temperate Rainforest. Credit: Jason Edwards/Getty Images
“Waakkoon nyaatamuu dandan’u guutummaa Australia keessatti kan babal’ate yoo tahu, gosoota adda addaa kanneen namoota aadaa adda addaa biratti beekamani dha, fakkeenyaaf waakkoo dhedheeraan Hawaasa polishii, Rushaa fi xaalyaaniin jaallatama. Waakkoon dirree keessaa qonnaan bultoota Australia hundaa fi kkf biratti beekama," jedha obbo Bonettoon.

Professor Brett Summerell, Btanic Garden Sydney keessatti hoji gaggeessaa Damee Syinsii, barnootaa fi kununsaa tahee hojjeta.

Australia keessatti waakkoo nyaatamanii fi hin n yaatamne adda baasuun eeggannoo fi ogummaa barbaada jedha.

“Balaan isaa waakkoon tokko tokko Australia keessa jiran kanneen biyyoota biro adduynaa irraa baayyee adda. Kanaaf, kaan isaanii summii dha, kaan fafa wa’ii sitti hin tolle sitti uumu, kaan isaanii akka hamaa si summeessuu danda'au," jedha Professor Summerell.

Yoo gosa waakkoo adda baaftanii hin beektan tahe irraa fagaachuu gaarii dha jedha itti dabalee.

Waakkoo nama ajjeessu

Piroofeesar Summerell ogeessa paatolojii biqiltootaa fi fangasii yeroo tahu, gosoota fangasii haaraa 120 ol ibsuuf kan gargaaran, barruulee adda adda addaa fi kitaabolee 150 ol maxxanseera.

Australia keessatti woggoota yartuu dabran keessa summii waakkoo irraa kan ka’e namootni tokko tokko du’aniiru, jedha.

“Namni tokko dogoggoree waakkoo nama ajjeesu kana nyaate, waakkicha nyaachuu irraa carraan du’uu jira.  Garuu, dhukkuba tiruu uumuun tiruu haaraa bakka buusifachuufu mana yaalaa ciisuu fi dhibee fayyaa walxaxaa aadda addaa uumuu danda''a jechuun," akeekkachiisa.

Gosootni waakkoo Australia keessaa gara ruubii milioonaatti tilmaamama.

Professor Summerell akka jedhutti ianneen summeessoo tahan adda baasuun ogummaa ol-aanaa barbaada.

'Adda baasuun rakkisaa dha'

Waakkoon nama ajjeesan kan nyaatamu waliin waan wal fakkaataniif adda baasuun humnaa oli rakkisaa dha.

Waakkoo nama ajjeesu ykn Death cap mushroom kan jedhamu kun Tasmania, Victoria fi Australia kibbaa fi Magaalaa Gudditti Australia keessatti argama.

“Waakkoon gosoota adda addaa hamoo tahantu jiru, kanneen akka oysterii kan fakkaatan, kaan ghost mushroom kan jedhaman kun kun yoo nyaataman dhibee kanneen akka ol deebisaa, garaa kaasaa, garaa dhuukkubbii kana kana namatti fiduun mana yaalaa nama ciibsu," jedha Professor Summerell.

Tasmania keessatti, gosti waakkoo Kortnaarius eertoxikus kan jedhamu, kalee namaa hojii ala taasisuun namni akka jireenya isaa guutuu dialysis irra jiraatu taasisa.

Gosti akkasii Viktoria keessas jiraachuu ni mala garuu ammatti bifa seerawen adda hin baafatamne.

Kanaaf, addatti bahee wanti wakkoon kun isa nyaatamu dha jedhee kan namatti himu hin jiru.
Obbo Summerell, itti dabalee waakkoo torotore bu'achuu irraa of qusadhaa jedha.

"waakkoon ayinaa qabaachuun baayyee barbaachisa.  Yoo waakkichi , akka babbaqaquu, torotoru tahe dhibee garaa kan garaacha waliigalaa miidhu fiduu danda’a,".

Kanaaf jecha , warreen biqiltooowwan bosonaa irratti ogummaa qaban qunnamuun barbaachisa.
Mushroom - Pixabay
Mushroom - Pixabay Source: Pixabay
Yeroo Waakkoo

Yeroo qilleensa qabbannaawaa fi jiidhaa, yeroo itti waakkoon bakkee keessaa guddatu dha.

“Yeroo waakkoon itti bahu, walakkeessa Bitootessaa irraa eegalee haga walakkeessa Waxabajjii deema, garuu haalaa fi naannichairratti hundaawee ti, " jedha obbo Bonettoon.

Victoria keessatti, xiqqoo dursee bahuu jalqaba, NSW keessatti ammo turee baha, Kibba Australiattis akkasumani tura jedha.

Tokkoon tokkoon Kutaalee biyyaa fi naannoo seeraa fi dambiwwan ofii qabu.  

Kutaan Australia hundi waakkoo buqqifachuu ilaalchisee seera ofii qabu, kanaaf dhimma kana irratti seera naannoo keessanii hordofuun barbaachisaa dha jechuun ibsa obbo Bonettoon.

"NSW keessatti, bosona kutaa biyyattii keessaa waakkoo dhedheeraa buqqifachuun nuuf hayyamama, garuu kun kutaalee Australia kaan keessattis ni taha jechuu miti.

Dhiha Awustraliyaatti, waakkoo buqqiffachuun dhorkaa dha, kan alaa dhufanii dhaabamanis tahe kan biyya keessaa tasuma dhorkaa dha. Kibba Australia keessattis akkasumas dhorkaa dha. Victoria keessatti ifa galaa miti".

, keessatti warra akka fungii funaannachuuf ummatni gaafatamtoota bosonaa biyyichaa, akkasumas warra dhimma bosonaa fi oolmaa ummataa biyyaalessaa Queensland irraa hayyama baafachuu qaba. Hayyamni kunis haal-duree cimaa kan akka naannicha deemaa jiraachuu kee fi maaliif akka tahe eegdota naannoo beeksisuufaa dabalata jechuu dha.

"Yoo qabeenyaa dhuunfaa qabaattan ykn hiryootni keessan qabaatan, seerri homaa isin hin tuqu fayyadamuu dandeessu jedha obbo Banettoon." yeroo ibsu.


Qabiiyyeen qophii kanaa dhimma waakkootti fayyadamuu ilaalchisee isinii fi hiriyaa keessanitti yaaddoo fayyaa isinintti naqe Australia keessa bakka kami iyyuu yoo Giddu Odeeffatnoo Summii lakkoofsa 131 126 bilbilaa.

Wanna hatattamaa lubbuuf 000 bilbilaa.



Share