Barmootni umriin hin daangeffamu- Obbo Iyyaasuu Innooroo

Iyyaasuu Photo FINAL.jpg

Get the SBS Audio app

Other ways to listen

Obboo Iyyaasuu Innooroo, barnootni umuriin hin daangeffamu jedhu. Namootni barachuu yoo barbaadan carraan isaa jira, murteeffachuu, jabaatanii hojjechuudhaan keessa dabrama. Yoo baayyate waggaa 2 - 4 namatti fudhata, yeroof nama dhiphisuu danda'a hojii fi maatii waliin garuu ni jabaata garuu jabaatnaan keessa dabrama jedhu.


Nami tokko murteeffatnaan waan fedhe barachuu danda'a. Deggersi maatii akkaan barabaachisaa dha. Yeroo tokko tokko hawaasummaan haga tokko si ko'ommeessuu danda'a garuu hundaaf yeroo qabaatanii fi yeroo qabatan itti cichinaan waan keessa hin dabramneef hin jiru. Warri haala mijeeffatanii, maatiin wal deggeree barachuu ni danda'ama. Rakkina tokko malee bakka yaadan gahu jechuu miti, garuu rakkinicha keessa jabinaa fi obsaan cehuun galii ofii gahuu dha.
Keessattuu dhalootni haaraan, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa irraa fixannaan University deemuu nan gorsa, sababni isaa ofii isaanii, maatii isaanii fi hawaasa isaaniif bu'a qabeessa tahu waan taheef jedhu obbo Iyyaasuun. Guutummaa aaf-gaaffii caqastanii argattu.

Share